የክብርት ከንቲባ መልዕክት

“ዛሬ የ3ኛ የስራ ዘመን 2ኛ መደበኛ ጉባኤያችንን በማካሄድ የግማሽ ዓመት አፈጻጸማችንን የህዝብ ሉዓላዊነት መገለጫ ለሆነው የከተማችን ምክር ቤት አቅርበናል፡፡

በጉባኤችንም ላይ የከተማችንን ሰላማዊ ሁኔታ በማረጋገጥ የህዝባችንን ተጠቃሚነት በማላቅ በርካታ የልማት ስራዎችንና የነዋሪዎቻችን የኑሮ ሸክም ያቃለሉ ሰው ተኮር ተግባራትን እንዲሁም የከተማችንን ገፅታ የቀየሩ ታላላቅ ፕሮጀክቶችን አጠናቀን ለህዝብ አገልግሎት ያበቃንበት ወቅት መሆኑን ምክር ቤቱ አረጋግጧል።

ከተማችን ለነዋሪዎቿ ምቹ በማድረግ ፣ የህዝብ ተሳትፎን ይበልጥ በማጎልበት ፣ሰላማዊ ሀኔታውን በማስቀጠል፣የኑሮ ውድነትን የሚያቃልሉና አገልግሎትን የሚያሻሽሉ ሰራዎችን በመተግበር መዲኛችኝ ፅዱና ውብ እንድትሆን የጀመርናቸውን ሰራዎች እያላቅን የመረጠንን ህዝብ በታማኝነት እና በትጋት ማገልገላችንን አጠናክረን እንቀጥላለን”

ፈጣሪ ኢትዮዽያንና ህዝቧን ይባርክ!!

“Har’a bara hojii 3ffaa yaa’ii idilee keenya 2ffaa adeemsisuun raawwii keenya walakkaa waggaa ibsituu walabummaa uummataa kan ta’e mana maree magaalaa keenyaaf dhiyeessineerra.

Yaa’ii keenya irrattis haala nageenya magaalaa keenyaa mirkaneessuun fayyadamummaa uummata keenyaa kan mirkaneessan hojiilee misoomaa hedduu, ba’aa dhiibbaa jireenyaa uummata keenyaa kan salphisan gochoota nama irratti xiyyeeffatan akkasumas piroojaktoota gurguddoo fuula magaalaa keenyaa jijjiiran xumurree yeroo tajaajila uummataaf dhaqqabsiifne ta’uu isaa manni marichaa mirkaneesseera.

Magaalaan keenya jiraattota isheef mijattuu akka taatu, hirmaannaa uummataa caalmaatti guddisuun, haala nageenya isaa itti fufsiisuun, hojiilee tajaajiloota qaala’insa jireenyaa salphisan fooyyessuun hojiirra oolchuun, ciminoota keenya jabeessaa uummata nu filate amanamummaa fi ciminaan tajaajiluu keenya cimsinee itti fufna.”

Waaqni Itoophiyaa fi uummata ishee haa eebbisu!!

Leave a Reply